Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana na amani; gaara kana gubba'atti yookiin Yeruusaaleemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Yesus'llee akkana isi'iin ni jedhe, «Dubarttii nana! Gaara kana irratti yookiin Yerusaalemtti, Waaqa Abba'aaf yeroon isin itti hin sagadinne akka dhufu amani,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana! na amani; gaara kana gubba'atti yookaan Yerusaalemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:21
20 Referans Kwoze  

Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada.


Hujii isaatiin nu maruu Ayyaana tokkoon gara Aabbaa galuu hin dandeenna.


Haata'uu ammoo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Amumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf.


Hulee namoonni lama yookiin sadihii taa'anii maqaa kiyyaan hennaa wolgayanitti ani isaan woliin jira» jedhe.


Sababaa kanaaf Rabbii Abbaa ardi'ii fi samii afo'otti waan keessaniif hin jilbiiffadha.


Amma isin maruu gara manaa hennaan bittinnooftan, sa'aatiin nallee hojjatti dhiiftan hin dhufa ammaa gayeera, haata'uu ammoo Aabba waan na woliin jiruuf hojja kiyyaa mit.


Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.


Worri awwaala keessa jiran martuu sa'aatiin laagaa isaa dhagayan hin dhufa. Worri waan mishaa hojjatan jireennaaf ka'an. Worri dhara hojjatan murti'iif waan ol bayaniif kana hin maalalfatinaa'a.


Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a


‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee, Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjirra› hennaa inni jedhu dhageenneerra, worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan»


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an laagaa Ilma Rabbii hennaan dhagayan hin dhufa. Innillee ammuma. Worri dhagayanillee lubbu'uun jiraatan.


Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan ammoo marti isaaniituu hin booji'aman; worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaaleem ta namoonni Yihuudota hin taanee irra deddeemu taati.»


Kanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyu'uutiin isaan cuupha'aa, darasoota tiyya taasisaa'a.


Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite