Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 4:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 bishaan ani kennu irraa ka dhugu garuu bara baraaf gonkumaa hin dheebotu, bishaan ani kennu nama dhuguuf, jireenna bara baraatiif ka burqqu, burqqaa bishaan jireennaa ni ta'a.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Ka bisaan ani kennu irraa dhugu maruu ammo baraa haga bara baraa hin dheebotu; bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 4:14
32 Referans Kwoze  

Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu, kanatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu.


Ammaa achi hin dheebotan aduunii fi oo'i maruu sirima isaan hin miidhu.


Jiraata'aa fi kanatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe.


Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Nyaata kana ka nyaate haga bara baraa jiraata.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa.


Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammoo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Hattuun hatu'uuf, qalu'uuf, balleessu'uuf malee, waan biraatiif hin dhuftu. Ani jireenna isaanii ta'u'uuf akka isaanii baayi'atuuf dhufe.»


Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a.


Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe.


«Worri qajeellummaa beelayanii fi dheebotan worra eebbifame; waan quufaniif.


Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.


Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa kiyya, ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o, eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree?


Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota;


Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan jireenna bara baraatiifillee daraaraa wolitti qabata.


Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»


Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaana Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu.


Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite