Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni yoo bisaanii fi Ayyaana irraa dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:5
35 Referans Kwoze  

Pheexroosillee akkana jedhe, «Agii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu, marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a. Kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii.


Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosii ti.


Isin keessallee gariin akka kanniinii turtan. Haata'uu ammoo Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Rabbii keennaatiin dhiqattaniirtu woyyoomtaniirtan qajeellota taataniirtan.


Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama.


Nu ammoo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beenuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.


Isaanillee Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookiin fedha foonii yookiin fedha dhiiraa irraa hin dhalanne.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


Yesuus Kiristoosiin dhaloota haarawa ta'u'utu fayyada malee, gadoomuu ta'ee yookiin gadoomuu dhabuun womaa waan hin fayyanneef.


Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef.


Kanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyu'uutiin isaan cuupha'aa, darasoota tiyya taasisaa'a.


«Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.


Eeganaa Gooftaa biraa guyyaan jajjabeennaa akka isinii dhuftuuf, waan dura isinii file Kiristoos Yesuusiin akka isinii ergu akka cubbuun keessanillee isinii haqamu, aagii galaa'a deebi'aa'a.


Wa'a! Ani isinitti hima akkasii miti, Haata'uu ammoo, isin maruu cubbuu irraa deebitanii yoo aagii hin galle hin baddan.


Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessa, seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf.


Innillee akkana isaaniin jedhe, Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenuuf tattaafatan. Haata'uu ammoo seenuu hin dandeenne.


Ani isinitti hima akkasii miti, Haata'uu ammoo isinillee cubbuu keessan irraa deebitanii aagii yoo hin galle isin maruu akkasuma baddan» isiniin jedha.


Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa Limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe.


Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.


Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu.


Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa!


Niqoodimoosillee namni haga jaareen maayessa deebi'ee attamitti dhalatuu danda'a? lammata hormaata haadhaatitti deebi'ee dhalatuu danda'aa? jedheen.


Haata'uu ammoo, obboleeyyan tiyya! Akkana jedha; foonii fi dhiinni jeennata Rabbii dhaaluu hin danda'an. Ka shamullee ka hin shamne hin dhaalu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite