Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:34 - WAADAA LAMMATAA

34 Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

34 Waaqinni Hafuura isaa ka kennu diqqeessee waan hin ta'iniif, ka Waaqinni erge dubbii Waaqaa ni dubbata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

34 Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:34
29 Referans Kwoze  

Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


Haata'uu ammoo ka ani Aabbaa biraa isinii ergu jajjabeessaan, innillee ka Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya ragaa baya.


wonni raagamellee, «Kunoo, hojjataan kiyya, ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde. Ayyaana kiyya isa irra kaaya, innillee worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba.


Guutummaan Rabbummaa isaa maruu nafa Kiristoosii irratti mudhatee waan jiruuf,


Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf,


«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,


Rabbi guutumaan guutu'utti isa keessa akka jiraatuuf, karaa isaatiin dhiiga fannoo irratti jigeen nagaya buuseeti waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa ufiin wolitti araarsu'uuf waan fedheef.


Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessa, seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf.


Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka na erge biraa malee, ana irraa mit.


Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf.


Nu Maruu guutuu isaa irraa fudhannee badhaadha irratti badhaani nuu kennameera.


Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayuu gad ta'ee kenname.


Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.»


Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.


Ani ammoo dhugaa isinitti hima, ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef, ani yoo deeme ammoo isa isinii erga.


Ani Aalfa'aa fi oomeega'a, jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.


Haata'uu ammoo amma Ana nama dhuga'aa Rabbiin irraa dhagayee isinitti himu ajjeesuu barbaaddan. Abrahaam ammoo waan akkanaa hin goone.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite