Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Yesuus deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha namni yoo lammeessoo deebi'ee dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:3
32 Referans Kwoze  

Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.


Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.


Isaanillee Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookiin fedha foonii yookiin fedha dhiiraa irraa hin dhalanne.


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin baanne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa isaatiin Rabbi lammaffaa nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantaa Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.


Yesuus Kiristoosiin dhaloota haarawa ta'u'utu fayyada malee, gadoomuu ta'ee yookiin gadoomuu dhabuun womaa waan hin fayyanneef.


Namni Rabbiin irraa dhalate maruu, cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Isin yakkaa fi cubbuu keessaniin worra du'e turtan. Hennaa san isinillee akkanatti hammeenna adunyaa tanaa duukaa deemtanii, ka ayyaana amma qilleensa keessa jiru bulchuu fi ka ammallee ijoollee Rabbii hin ajajamne irratti hojjatuuf, ajajama'aa jiraata'aa turtan.


Ifnillee dukkana keessatti ifa. Dukkantillee isa hin injifanne.


Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.


Yesuusillee deebisee, «Hennaa ati muka Hurbu'uu jala jirtu si arge waan siin jedheef amantee? waan kana caalu argita jedheen.


Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namni kana waan sii hin ibsineef ati ka eebbifamte.


Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu.


Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.


Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa Limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe.


Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.


Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu.


Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa!


Niqoodimoosillee namni haga jaareen maayessa deebi'ee attamitti dhalatuu danda'a? lammata hormaata haadhaatitti deebi'ee dhalatuu danda'aa? jedheen.


Ka Rabbiin irraa dhalate maruu, adunyaa hin injifata, adunyaallee ka injifatu amantii keenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite