Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Nama isatti amanu itti hin murtaayu. Ka isatti hin amanne ammoo, maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 Ka isatti amanu itti hin muritteeffamu, ka isatti hin amanne garuu tokko Ilma Waaqaa titti waan hin amaniniif, durumaanuu itti murtteeffamee jira.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 Nama isatti amanu itti hin murtaayu; Ka isatti hin amanne ammo maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:18
19 Referans Kwoze  

Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.


Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama.


Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jirani amma murtii yakkaa jala hin jiran.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.


Namni ilma Rabbii qabu, jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne jireenna hin qabu.


Namni Ilma isaatitti amane jireenna bara baraa qaba. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jireenna hin argatu» jedhe.


Eegasuu amanta'aan yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu.


Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.


Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'aatti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirgaa Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos.


Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba.


Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana. Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan.


Ka dubbataaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana?


Worra isa simatan maraafuu ammoo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an baallii isaanii kenne.


Namni isatti amanu maruu akka hin banne, jireenna bara baraa haa argatu'uuf, Rabbi adunyaa kana akkanumaan jaalatee, tokkicha Ilma ufii kenneef.


Amanuu dhabuu isaaniitiin gara hulee harabaafanna'aa seenuun akka isaanii hin danda'amne argina.


Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite