Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Innillee Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

13 Sami'ii ka bu'e Ilma Namaa malee, gara sami'ii ka baye eennu'llee hin jiru.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Inni Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:13
24 Referans Kwoze  

Sami'ii wonti bu'eef, fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka na ergee raawwatu'uuf.


Daawiti waan gara sami'ii ol hin baaneef;


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammaffaan ammoo samii irraa dhufe.


Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,


Qajeellummaan amanta'aan ta'e ammoo akkana jedha, «Garaa kee keessatti, ‹Eentu gara sami'ii baya?› hin jedhin. Kun Kiristoosiin gadi buusu'uuf.


Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu?


Ka olii dhufu maraa caala. Ka lafaa ammoo kama lafaati. Woma lafaa dubbata; ka sami'ii dhufu maraa caala.


Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee,


«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.


Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne.


Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Anillee nyaanni jireenna adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.


Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe.


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.


Isiinillee ta karaa maraan guutummaa isaa guuttu.


Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee mana qabdi; Ilmi namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen.


Hennaa ani waan lafaa isinitti hime yoo hin amanne, waan sami'ii yoo isinitti hime attamitti amantan ree?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite