Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 3:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, nu waan beennu dubbanna. Waan arginellee ragaa baana. Isin garuu ragaa keenna hin fudhattan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Dhugaa siin jedha, waan beekinnu ni dubbanna, waan arginu'llee ragaa ni baana, isin garuu ragummaa keenna hin fudhattan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha; nu waan beennu dubbanna; waan arginellee ragaa baana; isin garuu ragaa keenna hin fudhattan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 3:11
31 Referans Kwoze  

Ani waan Abbaa kiyya biratti arge dubbadha. Isinillee akkasuma waan abbaa keessan irraa dhageettan gootan.


Kana hin jaalanne dubbii kiyya hin eegu; dubbiin dhageettanillee ka na ergeetti malee, kiyyaa miti.


Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.


Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan.


Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka na erge biraa malee, ana irraa mit.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Innillee gara worra isaa dhufe; worri isaa ammoo isa hin simanne.


«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.


‹Daddaafii Yerusaalemii bayi waan kiyya yoo raddellee siraa hin fudhatan› hennaa naan jedhu manaabaan arge.


Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee, isa ammoo hin simattan.


Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Innillee Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Yesuus ammallee, «Ee! Yeruusaalem, Yeruusaaleem, qachaa raattota ajjeeftuu fi worra gara kee ergame dhaka'aan tumtu! Akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu, anillee hennaa meeqa ijoollee tee wolitti qabuu barbaade; isin ammo hin diddan.


Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.


Hennaa ani waan lafaa isinitti hime yoo hin amanne, waan sami'ii yoo isinitti hime attamitti amantan ree?


Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haata'uu ammoo ka na erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite