Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 21:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Yesuus, «Haga ani dhufuuf akka jiraatu yoo jaaladhe hoo maaltu si dhibe? Ati na faana koottu» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Yesus'llee, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche? Ati ana horddof!» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Yesuus, «Haga ani dhufuuf akka jiraatu yoo jaaladhe hoo maaltu si dhibe? Ati na faana koottu» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 21:22
20 Referans Kwoze  

Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; namoota as dhaabatan kanniin keessaa, jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe.


haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.


Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.


Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.


Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.


Hennaa xoroshoo kana nyaattanii fi untoo kana dhuddan maraa; Gooftaan haga deebi'ee dhufutti waan du'a isaa labsitan.


Du'a attamiitiin Rabbiin kabajju'uuf akka ta'u mudhisu'uuf kana jedhe. Kana haga jedheen maayessa, «Na faana koottu!» jedheen.


Kanaaf Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf, isinillee qophaaya'aa jiraadhaa'a.»


Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.


«Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.


Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin hennaa dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a.


Akkuma Bakakkaan baya biiftu'uutii bayee ifa'aa haga lixa biiftu'uutitti ibsu, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.


Yesuus gaara ejersaa irra taa'ee uduu jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.


Yesuus ammoo, «Ati na faana koottu! Du'aan du'aa ufii haa awwaalatuu» jedheen.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu»


Pheexroosillee kana argee, Yesuusiin, «Gooftaa'a, kunillee attamitti ta'a?» jedheen.


Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabanne worri ittiin boonnu isin malee eennu?


Isinillee akkasuma obsaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateeruuf, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite