Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 21:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Ammallee lammaffaa, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. «Ee Gooftaa akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. «Korbeeyyii tiyya eegi» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Yesus'llee, «Ilmoolee kiyya nyaachis» jedheen. Yeroo lammaffaa'llee, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ana ni jaalatta ree?» jedheen. Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Akka si jaaladhu ati ni beekitta» jedheen. Yesus'llee, «Hoolota kiyya eegi» ni jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Ammallee lammeessoo, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. «Ee Gooftaa! akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. Yesuus, «Korbeeyyii tiyya eegi» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 21:16
18 Referans Kwoze  

Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.


Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammoo gara tisse'eef eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Simoon Pheexroosillee dhaabatee ibidda oo'ifata'aa ture. Eeganaa «Ati ammoo darasoota isaa keessaamii?» jedhaniin. Innillee, «Anaa miti» jedhee gane.


Hojjattuun balbala eeddu Pheexroosiin, «Atillee darasoota keessaa tokkoomii?» jetteen. Inni ammoo, «Waa, ana miti» jedhe.


Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen.


Lammaffaallee ani isa hin beeku jedhee kakatee waakkate.


Worri Yihuudota hin taane maruu afoo isaatitti wolitti qabaman; akkuma tisseen Hoolotaa fi Re'iin addaan fooyu, innillee akkasuma namoota addaan fooya.


‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa ati horoma hin diqqaattu; Sababaanillee ka banii kiyya Isiraa'eliin bulchu, Bulchaan si keessatti dhalata› jedhamee barreeffameera» jedhaniin.


Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»


Sadaffa'aaf, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. Sadaffaa na jaalattaa? jennaniin Pheexroos gaddee, «Gooftaa kiyya! Ati waa maraa beetta; akka si jaaladhullee atuu hin beetta» jedheen. Yesuusillee, «Hoolota tiyya bobbaasi»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite