Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 21:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Haga xoroshoo nyaataniin maayessa Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Ilma Yoona'aa Simooni, kanniin caalaa na jaalattaa?» jedheen. «Ee, Gooftaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. «Ilmoolee tiyya bobbaasi» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Ciree eega nyaataniin duubbatti Yesus Simoon Phexirosiin, «Ilma Yohaannisii yaa Simoon! Kunniin ka ana jaalatan caala'atti ana ni jaalattaa ree?» jedheen. Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Ani akka si jaaladhu ati ni beekitta» jechu'uun, ni deebiseef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Haga xoroshoo nyaataniin maayessa Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Ilma Yoona'aa Simoon! Kanniin caalaa na jaalattaa?» jedheen. «Ee, Gooftaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. «Ilmoolee tiyya bobbaasi» jedheen.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 21:15
49 Referans Kwoze  

Nu worri amanta'aan jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu.


Inni waan duraan dursee nu jaalateef, nullee isa jaalanna.


Amma yoo womaallee arguu baattan isatti amantanii raawwii amantii keessanii, fayyinsa lubbuu teessanii akka fudhattaniin ulfinna hin dhumannee fi gammachu'uun guuttamtanii gammaddan.


Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin!


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Isin waan na jaalattaniif Rabbiin biraallee akka Ani dhufe waan amantaniif Aabba inninuu waan isin jaalatuuf.


Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammoo gara tisse'eef eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan.


Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a, isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru.


Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Nama amanta'aan dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isa irratti hin murteessinaa'a.


Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namni kana waan sii hin ibsineef ati ka eebbifamte.


Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoruu hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna.


Gooftaan arjaa ta'uu isaa mi'eeffattanii yoo jiraattan akka gara fayyinnaa ittiin guddattan, akka daa'imman amma dhalattee aannan soxxuutitti dubbii Rabbii ka dhara hin qabne dharra'aa'a.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Yesuusillee, «Koottaa hurbaata nyaadhaa'a!» isaaniin jedhe. Darasoota keessaa tokkollee, «Ati eennu?» jedhee ka isa qoruu ugge hin jiru. Waan akka inni Gooftaa ta'e beekaniif.


Darasaan Yesuus jaalatu Pheexroosiin, «Goofta'aa bee!» jedhe. Kanaaf Simoon Pheexroos Gooftaa ta'uu haga dhagaye, qullaa waan tureef uffata uffatee gara galaanaa uf darbe.


Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [


Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.


Beekkomsa keetiin dadhaba'aan ka bada'a jettu; inni kun obboleessa Kiristoos du'eef.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne.


Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si dhiisanii yoo baqatanillee ani horoma si dhiisee hin baqadhu!» jedheen.


Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii mishaa isaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a.


Namni na caalaa abbaa ufii yookiin haadha ufii jaalatu naaf hin malu. Ilma ufii yookiin intala ufii ka na caalaa jaalatu naaf hin malu.


Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen.


Innillee firrisee obboleessa ufii Simooniin argee, «Kiristoosiin arganneerra» jedheen. Kiristoos jechuun, «Masihii» jechu'u.


Pheexroos ammo, «Yoma ka si woliin du'u ta'ellee'e, ani horoma si hin waakkadhu» jedheen. Darasoonni maruu akkasuma jedhan.


Pheexroos deebisee, «Yoo isaan martinuu si biraa baqatanillee, ani horomaa si biraa hin baqadhu» jedheen.


Haga ani deemeen maayii, worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar-jabeeyyiin akka isin keessa seenan, darasootallee duubatti harkisu'uuf waan micciiramaa namoonni qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite