Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 20:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Sambata guddaa jalqaba torbaanii Maariyaam Magidalaawit ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaanillee ka awwaala irraa gangalfameeru argite.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Dilbbataa ganama obboro'oon, uduu bariisaan hin ifin, Maariyaam Magadalaawittiin gara awwaala Yesusii ni deemitte, achi'llee akkuma geetteen dhagaan awwaalli ittiin cufamee ture, afaan awwaalaa irraa ka'ee ni argite.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Jalqaba torbaanii guyyaa Dilbataa Maariyaam ta qachaa Magidala'aa ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaan ka awwaala irraa gangalfameeru argite.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 20:1
19 Referans Kwoze  

Yesuus jalqaba torbaanii, [guyyaa Sambata gudda'aa] ganama barii hennaa du'aa ka'e, dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseetti mudhate.


Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme.


Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee, reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.


Guyyaa sadeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'uu» isaaniin jedhe.


Haata'uu ammoo fannoo Yesuusii biratti, haadha isaa, obboleettii isaa, haadha, haadha manaa Qalayoophe'ee, Maariyaamii Maqidaala'aatii fi Maariyaamillee achi dhaabatanii turan.


Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture, laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye.


Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii, gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji jedhaniin


Birrii wolitti guruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hanbisa'aa mana ufii haa kaayuu.


Guyyaa jalqaba torbaan duraa xoroshoo nyaachu'uuf uduu wolgeenneerru, Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef, isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.


Isaan keessaa Maariyaam ta biyya Magidala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi haadha Yoosaa, Maariyaamii haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atu ture.


Isaanillee deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan.


Haga Sambanni diqqaan lufeen maayessa guyyaa Sambata gudda'aa barii, Maariyaamiin biyya Magidalaatii fi Maariyaamiin lammaaffa'aa awwaala laalu'uuf dhaqan.


Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote. Innillee dhufee dhagaa awwaala irraa garagalchee irra taa'e.


Yesuusillee uf keessatti gaddee gara awwaalaa dhufe. Huleen sun goda keessa dhaga'aan cufameera.


Namoonillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan, Yesuusillee ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galateeffadha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite