Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 2:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Yesus'llee, «Mana Waaqeffanna'aa kana diiga'aatii ani guyyaa sadihitti deebisee ni ijaaraan» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammo guyyaa sadihitti deebisee ijaaraa» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 2:19
23 Referans Kwoze  

Worri achi biraan lufanillee mataa ufii raasa'aa akka malee isa arrabsa'aa, «Hay! Ati namni mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti deebiftee ijaartu,


«Ati ka mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti ijaartu, mee uf fayyisi. Ilma Rabbii yoo taate mee fannoo irraa gadi bu'i.» jedhaniin.


Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura.


Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaanna ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna.


Ka mataa jireennaa ta'e hin ajjeeftan, isa ammoo Rabbi du'aa kaase. Nu waan dubbii kanaatiif raga'a.


Yesuusii kana Rabbi du'aa kaaseen; waan kanaaf nu maruu raga'a.


Rabbi ammoo hunna du'aa balleessee isa kaase; duuti isa qabuu waan hin dandeenneef.


Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.


Eegasuu Kiristoos ulfinna abba'aatiin du'aa akkuma ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra.


Yesuus ammoo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana, ka natti amanu yoo du'ellee hin jiraata.


Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.


Cuupha'aanillee isa woliin awwaalamtan, ka cuupha'aan akkasuma worra du'an keessaa, hujii Rabbiitiin du'oota keessaa isa kaaseetitti waan amantaniif isa woliin kaataniirtan.


Kiristoos du'aa akka ka'e yoo ka himamu ta'e, isin keessaa gari gariin du'aa ka'uun hin jiru attamitti jedhan?


Ka waan cubbuu keennaatiif dabarfamee kenname ka qajeelaa nu taasisu'uuf du'aa ka'e, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka du'aa kaaseetti worra amannuullee hin laakkayama jedheen.


Isiniif dursee Rabbi ilma ufii kaaseera. Gari garii keessan karaa hamaa irraa deebisee akka isin eebbisu erge.»


Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.


«Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.


Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe.


‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee, Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjirra› hennaa inni jedhu dhageenneerra, worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite