Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 2:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Guyyaa saddaffa'aatitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Guyyaa sadaffaa titti, arddii Galiila'aa titti ta argamittu magaalaa Qaanaa jedhamttutti, aciin ni jira ture, haati Yesusii'llee achi ni jirtti ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Guyyaa sadeesso'ootitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 2:1
17 Referans Kwoze  

Yesuus deebi'ee, gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirinaahomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira.


Simoon Pheexroosiif ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdiyoosi darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.


Indiriyaasillee Simooniin gara Yesuusii fide. Yesuus isa laalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisiiti; ammaa achi, ‹Keefaa› jedhamtee waamamta» jedheen; «Keefaa» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Dhagaa qarsa'aa» jechu'u.


Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru, haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran.


Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.


Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammoo Rabbi isaanitti murteessa.


Ganamaan akkasuma Yohaannis darasoota isaa keessaa namoota lamaan woliin uduu dhaabatu,


Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite