Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 19:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Deebi'ee gara moonaa bulcha'aa seenee, «Ati eessaa dhufte?» jedheen. Yesuus ammoo waan tokkollee hin deebifneef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 gara moonaa isaa titti deebi'eet Yesusiin, «Ati garam irraayyi?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus garuu womaayyuu isaa hin deebifinneef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Deebi'ee gara moonaa bulcha'aa seenee, «Ati eessaa dhufte?» jedheen. Yesuus ammo waan tokkollee hin deebifneef.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 19:9
18 Referans Kwoze  

Philaaxoosillee deebi'ee gara mana bulcha'aa seeneeti Yesuusiin waamee, «Mootiin Yihuudii si'ii?» jedheen.


Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.


Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan.


Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Hennaa san hidhattoonni bulcha'aa, Yesuusiin gara dallawa bulcha'aa geessanii, hidhattoota maraa isa biratti wolitti qaban.


Kanaaf gaafii heddu isa gaafate. Inni ammoo waa tokkollee isaa hin deebifne.


Yesuusiin qe'ee Qayyaffa'aatii gara moonaa bulchaa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaannillee hoolaa ayyaana Faasika'aa waan nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara Kaloo bulchaa hin seenne.


Yesuusillee deebisee, «Kana ka jettu ufuma irraa moo yookiin kaawwantu waan kiyya sitti hime?» jedheen.


Kanaaf Philaaxoos waan kana haga dhagaye guddisee sodaate.


Philaaxoos, «Natti hin himtuu? si fannisu'uufillee si hiiku'uufillee baallii akka qabu hin beettuu?» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite