Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 19:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Philaaxoosillee ammoo gara diidaa bayee, «Kunoo dhara tokkollee akka isa irratti hin argine akka beettan isa ammoo gara diidaa isinii baasa» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Philaaxos deebi'ee gara alaa titti bayee, «Kunoo, balleessaa woyiituu isa irratti akka hin argatin akka beekittaniif, isa gara alaa titti isinii baase» isaaniin jedhe,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Philaaxoos ammo gara diidaa bayee, «Kunoo yakka tokkollee akka isa irratti hin argine akka beettan isa ammo gara diidaa isinii baasa» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 19:4
16 Referans Kwoze  

Bulchoonni gadootaatii fi hojjattoonni hennaa argan, «Fannisi! Fannisi! jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, ani dhara tokkollee isa irratti waan hin argineef, isin fuudha'aatii fannisaa'a» isaaniin jedhe.


Philaaxoos, «Dhugaan maali'i?» jedheen. Kana jedheeti deebi'ee gara Yihuudotaa bayee, «Ani yakka tokkollee isa irratti hin argine.


Philaaxoos, bulchoota gadootaatii fi gumi'iin ani nama kana irratti yakka tokkollee hin argine jedhe.


Ajajaan loltuu dhibbaa waan ta'e san hennaa arge, «Namni kun dhugamaan qajeela'a» jedhee Rabbiin kabajje.


Inni cubbuu baleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru.


Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.


Inni sirimaa cubbuu hin hojjanne, sobnillee afaan isaa keessa hin jiru.


Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.


Nu waan gooneef murtii keenna hin arganna, murtiin nurratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammoo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeefate.


Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.


Philaaxoos booressuu ta'a malee womaa godhuu akka hin dandeenne haga arge, bisaan fudhateeti, dhiiga nama qajeela'aa kana irraa ani qulqullu'u; isintu itti gaafatama jedhee, gumii afo'otti harka ufii dhiqate.


Uduu inni teessoo murti'ii irra taa'eeru, haati manaa isaa waan isaatiif adha eebju'uun rakkoo gudda'atu narra gayeera. Nama qajeelaa kana womaa hin godhin jettee isatti ergite.


«Ani dhiiga nama Woyyu'uu dabarsee waan kenneef yakkeera» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Maaltu nu dhibe ree? Hajaa keeti!» jedhaniin.


Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.


Philaaxoosillee deebi'ee gara mana bulcha'aa seeneeti Yesuusiin waamee, «Mootiin Yihuudii si'ii?» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite