Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 18:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Eeganaa loltoonninii fi ajajaan kumaa hojjattoonni Yihuudotaallee Yesuusiin qabanii hidhan. Dura gara Haanna'aa fidan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Kanaan duubatti lolttootaa fi ajajaan isaanii, itti gaafatamoonni woriddiyyaa Yihudotaa'llee, Yesusiin qabanii ni hidhaniin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Eeganaa loltoonninii fi ajajaan kumaa, hojjattoonni Yihuudotaallee Yesuusiin qabanii hidhan. Dura gara Haanna'aa fidan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 18:12
17 Referans Kwoze  

Kanaaf Yihuudaan loltoota bulchoota gadootaaf, Fariisonnillee ergamtoota simatanii, ibsoo shawa'aa, uffata lolaa, wonte'ee fi eboo qabatee garas isa faana dhufe.


Worri Yesuusiin qaban sun, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi manguddoonni hulee gumiin itti wolgaye, gara bulchaa gadootaa gara Qayaafaa fidaniin. Pheexroos haga dallawa gadichaa irraa fagaatee faana deeme.


Hennaa gara gandaa isa dhiyeessan Phaawuloos ajajaa loltuu kumaatiin, «Waan tokko akka sitti himu naa eeyyamtaa?» jedhe. Innillee, «Afaan Giriikii hin beettaa? jedheen.


Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, Yerusaalem guddiftee boorofteerti oduun jedhu gara nama loltuu kumaa ajajuu gaye.


Isaanillee Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammoo fago'otti isa faana deemaa ture.


Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii Philaaxoositti dabarsanii kennan.


Achiin maayessa Yesuusiin gara mana gadicha gudda'aa, hulee bulchoota gadootaa, manguddootaatii fi barsiisoonni Seera Muuse'ee wolitti qabamanitti isa geessan.


Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxanichaatitti dabarsanii kennan.


Hennaa lolli guddaan ka'e ajajaan loltuu kumaa Phaawuloosiin akka hin caccabsine sodaatee loltoonni bu'aanii jiddu'uu akka isa fuudhan gara ganda loltootaa akka galaaniin ajaje.


Hennaa san hidhattoonni bulcha'aa, Yesuusiin gara dallawa bulcha'aa geessanii, hidhattoota maraa isa biratti wolitti qaban.


Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaa ti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite