Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 17:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Dubbii naaf kennite isaaniif kennee jira, isaan'llee fudhataniinii jiran, si biraa bayee dhufuu kiyya'llee dhugamaanuu beekanii jiran, akka ati ana ergite'llee amananii jiran.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Dubbii naa kennite isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; akka si biraa dhufe dhugamaan beekaniiran; akka ati na ergitellee amananiiran.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 17:8
31 Referans Kwoze  

Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.


Eegasuu ammaa achi garboota isiniin hin jedhu, garbichii waan Gooftaan godhu waan hin beenneef; jaalalloota tiyya isiniin jedheera, waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinitti beessiseera.


Maraa akka beettuuf eennullee si gaafachuu akka hin barbaanne amma beenneerra, kanaaf Rabbiin biraa akka dhufte hin amanna» jedhaniin.


Isin waan na jaalattaniif Rabbiin biraallee akka Ani dhufe waan amantaniif Aabba inninuu waan isin jaalatuuf.


Kanaafuu dubbii maleekkootaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nurraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee, akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galateeffanna.


Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne.


Akkuma Ani Aabbaan keessa jiru, Aabballee na keessa akka jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu. Uf irraallee isinitti hin himu. Haata'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata.


Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.


Simi'oon Pheexroos, «Gooftaa kiyya, gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Obboleeyyan tiyya! Ka ani isinitti lallabe ka isinillee fudhattanii ittiin dhaabattan, akkasuma dubbii Rabbii ka fayyitaniin isin yaadachiisa.


Akkuma gara adunyaa tanaa ati na ergite akkasuma anillee gara adunyaa isaan ergeera.


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne.


Waan Isinitti dabarsee keenne ani Gooftaa irraa fudhadheera. Galgala gaafa Gooftaan Yesuus dabarfamee kenname xoroshoo kaasee galateeffatee cabsee,


Namni ragaa kana dhagayu ammoo akka Rabbi dhugaa ta'e dhugoomse.


Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite