Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 17:6 - WAADAA LAMMATAA

6 «Namoota adunyaa irratti naa kennite biratti maqaa kee ibseera. Worra kee turan, ati naa kennite. Isaanillee dubbii kee eeganiiran;

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 «Biyya lafaa keessaa filttee namoota naa kenniteef, eennummaa kee isaanitti mulidhisee jira, isaan kee ni turan, ati'llee isaan anaaf ni kennite, isaan'llee dubbii kee eeganii jiran,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 «Namoota adunyaa irratti naa kennite biratti maqaa kee ibseera. Worra kee turan; ati naa kennite. Isaanillee dubbii kee eeganiiran;

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 17:6
48 Referans Kwoze  

Jaalalli na jaalatteen isaan keessa akka ta'u, anillee isaanitti maqaa kee beessiseera, ammallee hin beessisa» jedhe.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee gara kiyya ka dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu.


«Abbaa! Uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalatteef, ulfinna naa kennite akka argan hulee ani jiru; isaaniin naa kennitellee akkasuma woliin akka ta'an jaaladha.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Isin worra adunya'aa uduu taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti.


Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.


Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.


Na keessa yoo jiraattan dubbii yoo isin keessa jiraate waan barbaaddan maraa kadhadha'aa isinii ta'a.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


Amanta'aa fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii narraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu.


Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu. Ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a.


Rabbi banii duraan beeke hin ganne. Isin waan Eliyaasii attamitti akka Rabbiin afo'otti Israa'eliin himate kitaabni maal akka jedhe hin beettanii?


Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan.


Kunillee, « Ka naa kennite kanniin keessaa tokkichallee hin balleessine» dubbiin jedhu akka raawwatamuuf.


Akkuma ani ka adunyaa kanaa hin taane isaanillee ka adunyaa kanaatii miti.


Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite.


Isin dubbii amma ani isinitti hime kanaaf qulqulloota.


Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanillee» laagaan jedhu sami'ii dhufe.


Fedhiin ka na ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa faca'anii jiraataniif, worra akka beekkomsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif; Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa du'a hin argu.


Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaamilee du'eera, raattonnillee atillee hin duuta. ‹Ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa hin du'u› jetta.


Ka naa kennite maruu sirraa akka ta'e amma hin beekan.


Ani isaan woliin hennaa adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa keetiin eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite