Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 17:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraati.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 17:3
52 Referans Kwoze  

Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Abbaa qajeelaa, adunyaan si hin beenne, ani ammoo si beeka. Kunniinillee akka ati na ergite hin beekan.


Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf.


Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.


Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Worra Rabbiin hin beennee fi Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee worra hin ajajamne haluu isaan baya.


Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran.


Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammoo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa.


Eegasuu, «Abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookiin Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe.


Qajeellumma'aan damaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraaniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha.


Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqota tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.


‹Ani Ilma Rabbii ti› waan jedheef, isin ka Aabba woyyoomsee gara adunya'aa erge, ‹Rabbiin arrabsita› jettaniinii?


Laagaa isaa ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe.


Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa akkuma ta'u, akkasuma ka na nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a.


Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicharraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?


Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.


«Eennullee ka daa'ima kana maqaa kiyyaan simatu na simata. Ka na simatu maruu ka na erge simata. Ka isin maraa irraa gadi aanu inni sun maraa caala» isaaniin jedhe.


«Daa'ima akkanaa tokko maqaa kiyyaan ka simatu maruu, na simata; Ana ka simate, ka na erge simata malee ana calla'aa miti» isaaniin jedhe.


Eeganaa waan foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kanarratti duwwaa akka ta'eef, Waaqa tokkicha malee, Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna.


Akkuma gara adunyaa tanaa ati na ergite akkasuma anillee gara adunyaa isaan ergeera.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.


Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Ka hunna qajeellummaa isaatiif mishummaa ulfinna isaatiin nu waame beeku'uun, waan jireennaaf Rabbiin fakkaannuun nuu keenneef beekkomsi badhaadhumma'aa fi nageennii Rabbiitiif Gooftaa keenna Yesuusii isinii haa guddatu.


Yoo wonti kunniin isinii guddisee baayi'ate, beekkomsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.


Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.


Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.


Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite