Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 16:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Bakka wolgayii isaaniitii baasanii isin ni ari'an, gonkumaa isin ka ajjeesan marrinuu, Waaqa waan tajaajilanii yeroo itti fakkaatu ni dhufa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasan; kana calla'aallee miti; akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjata'aaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 16:2
27 Referans Kwoze  

Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan, ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan woliigalaniiraniif.


Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a.


Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.


Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan, akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef, isaa ragaa hin baane.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Hamaa yoo nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhana. Haga ammaa fishaa adunya'aatiif xurii lafa tanaa taaneerra.


Samiin banamtee Ilmi Namaa mirga Rabbii ka dhaabateeru arga'aara jedhe.


«Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.


Isaan ammoo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan.


Isaanillee hennaa waan kana dhagayan guddisanii aaranii isaan ajjeesu'uuf yaadan.


Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana na amani; gaara kana gubba'atti yookiin Yeruusaaleemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa.


Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture.


Haata'uu ammoo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Amumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf.


«Kana fakkeennaan isinitti himeera. Haata'uu ammoo waan Aabba addaataa isinitti himu malee achiin gama mammaakaan hennaan hin dubbanne hin dhufa.


Amma isin maruu gara manaa hennaan bittinnooftan, sa'aatiin nallee hojjatti dhiiftan hin dhufa ammaa gayeera, haata'uu ammoo Aabba waan na woliin jiruuf hojja kiyyaa mit.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite