Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 16:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Hennaa diqqo'oon maayessa na hin argitan, akkasuma hennaan diqotu jira na argitan, ani gara Aabbaa waan deemuuf.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 «Yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, deebi'ee'llee yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Hennaa diqqo'oon maayessa na hin argitan, akkasuma hennaan diqqo'otu jira na argitan, ani gara Aabbaa waan deemuuf.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 16:16
19 Referans Kwoze  

Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka na ergee deema, na soxxan ammoo na hin argitan.


Akkasuma ammoo guyyaa afurtamaaf waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ragaa hedduun rakkinna fanno'ootiin maayii jiraataa ta'ee isaanitti uf mudhise.


Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufeera; ammallee biyya lafaa gad dhiisa; gara Aabbaallee hin deema.


Eeganaa isinillee akkasuma, amma hin gadditan. Haata'uu ammoo deebi'ee isin arga, garaan keessan hin gammada gammachuu keessanillee ka isin jalaa fudhatu hin jiru.


Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,


Amma ammoo gara ka na ergee deema; isin keessaallee eessa deemta? jedhee ka na gaafatu hin jiru.


Ijoollee tiyya amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee Yihuudotatti akkuma hime isinttillee hima.


Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a, ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku.


Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.


Ammallee gara kee hin dhufa isaan biratti gammachuun kiyya ka raawwatame akka isaaniif ta'u kana biyya lafaa keessatti dubbadha.


Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite