Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Ana keessa jiraadhaa'a, anillee isin keessa jiraadha. Dameen yoo jirma woyini'ii irra hin jiraanne, ufitti daraaraa daraaruu akka hin dandeene, akkasuma isin ammoo ana keessa yoo hin jiraanne daraaruu hin dandeettan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Ana keessa jiraadhaa, ani'llee isiniin ni jiraadhaa, dameen gudeelcha muka woyinni'ii irratti jabaate yoo jiraate malee, mataa isaa qofatti firii daraaru'uuf akkuma hin dandeenne, isin'llee anaan yoo jiraachuu dhabaatan, firii daraaru'uuf hin dandeettan.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Ana keessa jiraadhaa'a; akkasuma anillee isin keessa jiraadhaa. Dameen yoo jirma woyini'ii irra hin jiraanne, ufitti daraaraa daraaruu akka hin dandeenne, akkasuma isin ammo yoo ana keessa hin jiraanne daraaruu hin dandeettan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:4
29 Referans Kwoze  

Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu.


Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.


Yesuusillee Yihuudota isatti amananiin, «Isin yoo dubbii kiyyaan jiraattan, isin dhugamaan darasoota tiyya, dhugaallee hin beettan dhugaanillee bilisa isin baasa» isaaniin jedhe.


Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.


Ka foon kiyya nyaatee fi dhiiga kiyyallee ka dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha.


Akka ani Aabbaa kiyya keessa jiru akka isinillee na keessa jiraattan akka anillee isin keessa jiru gaafa san hin beettan.


Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»


Isin amanta'aan jiraatu'uuf, jiraatuu dhabuu keessan uf qora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka gayumsa hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii?


Eeganaa akkuma Gooftaa Yesuusiin amantanitti isaan jiraadhaa'a.


Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaa ti.


Kiristoosillee amanta'aan garaa keessan keessa akka jiraatu, akka durummaa Ayyaana isaatitti isinii haa keennu.


Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera.


Nu ammoo worra lubbuu ufii hanbisu'uuf amane malee, worra gara duubaatitti deebi'ee baduu miti.


«Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf, daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan, Daraaraa badaa argattan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite