Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Firii ana irra jiru damee hin daraarre maraa, abbaan kiyya muree ni gataan, damee firii daraaru garuu baayi'essee akka daraaruuf, kittaanee ni qulqulleessaan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:2
42 Referans Kwoze  

Amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee, ibiddatti gatama.


Yesuus ammoo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a.


Ani nama jaaladhu maraa hin loladhaan hin adaba. Kanaafuu qajeelii aagii gali.


Uduu daraaraa heddu godhattanii darasoota kiyya taatani, Abbaan kiyya kanaan kabajjama.


Ka qabuuf, itti eda'amee waan kennamuuf heddu ta'aaf, ka hin qabne ammoo ka qabu sunuu irraa fudhatama.


Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».


Karaa irratti muka hurbu'uu argee, gara isi'ii goree yoo laalu baala malee, womaa irratti hin argine. Achiin maayessa inni hurbuu saniin, «Horomaa deebi'ee sanyiin sirratti hin argamin» jedheen. Yoma san munni hurbu'uu sun goge.


Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne,


Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.


Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaka'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu hidda waan hin godhaneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee, yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan.


Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Laagaa addaa ka namootaatii fi ka maleekkotaatiiniillee yoo dubbadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, akka sibiila shakashaka jedhuuti.


Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.


Ani isaan woliin hennaa adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa keetiin eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne


Yesuus ammallee mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii raacitii dubartiin takka fuutee daakuu ganaa sadihiitiin wolitti mattee ta daakuu san maraa bukeessitu fakkaatti» jedhe.


Munni daraaraa mishaa hin daraarre martinuu muramee ibiddatti gatama.


Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baayi'ataafille'e; ka hin qabne ammoo ta qabu sunuu irraa fudhatama.


Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammoo, mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayanii fudhatanii, gariin sanyii soddoma, gariin sanyii jahaatama, gariinillee sanyii dhibba godhatan» jedhe.


Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddisellee Abbaa kiyya.


Isin dubbii amma ani isinitti hime kanaaf qulqulloota.


Ka ana keessa hin jiraanne yoo jiraate, akka dame'e muramee gara diidaa gatama, hin goga; dameewwan akkasii wolitti qabamee ibiddatti gatamee gubama.


Haata'uu ammoo damee keessaa gariin yoo caban, attillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda zayitii ejersa baasu irraa yoo qodamaa taate, damee irratti hin booniin.


Eegasuu gara laafummaa Rabbiitii fi gar-jabummaa isaa laali. Gar-jabummaan isaa worra kufan irratti; arjummaa isaatiin jabaattee yoo jiraatte ammoo, arjummaan Rabbii sirra jira. Akkas yoo ta'uu dhabaate atillee akkasuma hin muramta.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite