Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Anatu isin filate malee isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii akka daraaraa godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:16
57 Referans Kwoze  

Isin worra adunya'aa uduu taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti.


Nu uumama isaa waan taaneef, Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne.


Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee, Isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, Ergamoota jedhee maqaa isaanitti baase.


Haata'uu ammoo, ka uduu ani gadaamessa haadha tiyya keessa jiru na filate, badhaadha isaatiinillee Rabbiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti, Oduu Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne.


Inni waan duraan dursee nu jaalateef, nullee isa jaalanna.


Innillee akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa fedha isaa akka beettuuf qajeellummaa akka argituuf afaan isaatii dubbii akka dhageettuuf, durumaa si filateera.


Ka namni hedduu ragaa bayeef ka narraa dhagette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'aniitti yaboo kenni.


«Waan keessan maraafi hin dubbadhu, ani worra filadhe san hin beekaa, haata'uu ammoo kitaabni, ‹Ka harka kiyya irraa nyaate deebi'ee natti ka'e› dubbiin jedhu akka raawwattamuuf.


Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise.


Haata'uu ammoo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haata'uu ammoo gara-laafumma'aa fi soda'aan haata'uu.


Jaalalti akkana, Rabbi waan ufii nu jaalateef, Ilma ufii ciincaa cubbuu keennaa akka ta'u godhe malee waan nu isa jaalanneefii miti.


Hennaa faateffatan, «Gooftaa'a, ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju,


Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barraayeeruuf.


Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.


Amanta'aan yoo faateffattan waan faateffattaniif san maraa hin argattan» isaaniin jedhe.


Inni du'a waan mooyateeruuf, ani lallabaa Oduu Nagayaa, ergama'aa fi barsiisaa worra Yihuudota hin taanee akka ta'u, Oduu Nagayaa itti muudame kanaan jireennaa fi bara baraan jiraachuu ifatti baaseera.


Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame.


Yookiin ka faara huju dhoqqee kutaa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, tokko ammoo salphinnaaf dhoqqee huju irratti baallii hin qabuu?


Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama.


Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.


Sababaa kanaaf waan hafe akka karaa qabsiiftu, qachoota maraa keessatti akkuma ani si ajaje woldaa Kiristaanaa keessattillee manguddoota akka muuddu Qarxeesitti si dhiise.


Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.


Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.


Kunillee banii maraafii miti. Haata'uu ammoo, nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee, haga inni worra du'an keessa ka'een maayii isa woliin worri nyaatee dhugee nu'u.


Anillee waan kanaaf amanta'aa fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame, dhugaa dubbadha malee hin sobu.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Obboleewwan tiyya akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammoo dhooggamuu kiyya akka naa beetan barbaada.


Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.


«Kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa.


«Ani jirma woyini'ii ti, isinilee damee kiyya, anaan addatti womaa godhuu waan hin dandeenneef, ka naan jiraatu, ka anilee isa keessa jiraadhu inni daraaraa heddu daraara.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite