Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Eegasuu ammaa achi garboota isiniin hin jedhu, garbichii waan Gooftaan godhu waan hin beenneef; jaalalloota tiyya isiniin jedheera, waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinitti beessiseera.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Tajaajilaan waan gooftaan isaa raawwatu waan hin beekinneef, ammaa achitti tajaajilttoota isiniin hin jedhu, garuu waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinii waan ibiseef, waaheloota kiyya isiniin jedhee jira,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Eegasuu ammaa achi garboota isiniin hin jedhu; garbichi waan Gooftaan godhu waan hin beenneef jaalalloota tiyya isiniin jedheera, waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinitti beessiseera.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:15
32 Referans Kwoze  

Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne.


Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkawameef» ka jedhe raawwatameeti; jaalallo Rabbii jedhame.


Dubbiin kunillee jalqaba dhalootaatii jalqabee dhossaa dhokatee ture amma ammoo woyyootatti mudhateera.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Kunillee worri Yihuudii hin taane, akka woliin jeennata galaniif qaama tokkonillee akka woliin taa'aniif, lallaba Oduu Nagayaa abdii dubbii Kiristoos Yesuusiitiin ta'e woliin akka qoodaman woyyoota, ergamootaa fi raattotatti akkuma amma Ayyaanaan mudhate, dhossaan kun tanaan dura dhaloota biraa biratti ilmaan namaatitti hin beekkamne.


Akkuma karaa Kiristoosiitiin hojjachuu jaalatetti akka yaada dhossaa fedha isaa wonti nutti beessiseef,


Yesuusillee, amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqinii! deemiitii, gara obbolleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Rabbii kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhiitii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Ilmaan isaa waan taaneef, Rabbi Ayyaana, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keenna erge.


Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»


Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haata'uu ammoo ka na erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe.


Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan.


Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.


Ati ammaa achi akka garbichaatti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattu eega naaf jaalatama ta'e sii ammoo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.


Jaalalli na jaalatteen isaan keessa akka ta'u, anillee isaanitti maqaa kee beessiseera, ammallee hin beessisa» jedhe.


Garbichi Gooftaa hin caalu jedhee dubbii isinitti hime qaabadhaa'a, yoo na ari'anii jiraatan, isinillee akkasuma hin ari'an; dubbii kiyya yoo eeganii jiraatan, dubbii keessanillee akkasuma eegan.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha garbichi Gooftaa isaa hin caalu ergamaanillee ka isa erge hin caalu.


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hanbifanne.


Dubartittiin, «Gooftaa kiyya, akka ati raagaa taate arga.


Achiin maayessa gara darasoota ufii garagalee hojja isaaniititti, «Ijji waan isin argitan argitu ta eebbifamte.


«Waan isinitti himu ammallee waan heddu qaba. Haata'uu ammoo mara isaa qaabachuu hin dandeettan.


Waan godhu waan hin beeneef woma jibbu san godha; ta'ullee ka jaaladhu san hin godhu.


Barreeffamni Woyyuun, «Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu» Nu ammoo qalbii Kiristoosii qabna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite