Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Akkuma ani isin jaaladhe, isinillee akka wol jaalattan ajanyi tiyya tana.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Ajajinni kiyya akkuma ani isin jaaladhe, isin'llee ufii keessan akka wol jaalattaniif.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Akkuma ani isin jaaladhe, isinillee akka wol jaalattan ajanyi tiyya tana.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:12
16 Referans Kwoze  

Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbiitu nuu kenne.


Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.


Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf.


Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.


Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ullee.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.


Akka isin wol jaalattan kana isin ajaja» jedhe.


Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite