Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 15:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaatiin jiraadhu, yoo ajaja kiyya eeddan, jaalala kiyyaan jiraattan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Ani ajaja Abbaa kiyyaa akka raawwadhee fi jaalala isaatiin akka jiraadhu, isin'llee ajaja kiyya uduu raawwattanii, jaalala kiyyaan ni jiraattan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaatiin jiraadhu, yoo ajaja kiyya eeddan jaalala kiyyaan jiraattan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 15:10
28 Referans Kwoze  

Yoo na jaalattan ajaja kiyya eegaa'a.


Rabbiin jaalachuun ajaja isaa raawwatu'u. Ajanyi isaallee ulfaata'aa miti.


Ka dubbii isaa eegu maruu jaalalli Rabbii isa keessatti dhugamaan raawwatameera. Isa keessa jiraachuu keenna kanaan beenna.


Karaa qajeelaa haga beekanniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya.


Ka na erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf, Aabbaan hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Hujii akka ani hojjadhu ati naa kennite raawwadhee lafa irratti si kabajjeera.


Haata'uu ammoo ani Aabbaan akka jaaladhu adunyaan akka beettu, akka Abbaan na ajaje akkasuma godha. Ka'aa asii haa deemnuu.»


Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


Ka ajanyi kiyya isa bira jirtu eegu, ka na jaalatu isa, ka na jaalatu Abbaan kiyya hin jaalataan, anillee hin jaaladhaan ufillee itti mudhisa.»


Gadoomu'uuf gadoomuu dhabuun duwwa. Ajaja Rabbii eegu'u malee.


Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.


Isin isa hin beenne; ani ammoo hin beekaani, ani isa hin beeku uduu jedhee akkuma keessan sobaa ta'a. Haata'uu ammoo ani hin beekaan, dubbii isaallee hin eega.


Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee, eennullee na irraa hin fudhatu, jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»


Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ka na jaalatu yoo jiraate dubbii kiyya eega, Abbaan kiyyallee hin jaalataan gara isaallee hin dhufna, isa bira jiraanna.


Nu yoo ajaja isaa eenne, akka isa beenne beenna.


Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite