Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 14:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amanu hujii ani hojjadhu hojjata; ka san caalu hojjata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Dhugaa isiniin jedha, ka anatti amanu hujii ani hojjadhu ni hojjata, gonkumaa kana ka caalu ni hojjata, ani gara Waaqa Abba'aa ni deema.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka natti amanu hujii ani hojjadhu hojjata; ka san caalu hojjata.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 14:12
28 Referans Kwoze  

Yesuusillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin yoo amantaa qabaattani, mamuu yoo baattan, waan muka hurbu'uu irratti ta'e qofa hin gootan; isin gaara kanaanillee, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan, hin ta'a.


Worri natti amane, maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.


Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammoo rakkateeti uf duuba midhatee ayyaanni hamaan isii keessaa akka bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye.


Pheexroosillee, «Eniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyiisaa ol ka'iitii, ufumaa sirree tee afadhu» jedhe. Innillee Yomasan ka'e.


Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii, worra dhibamaniin hennaa tuqan, isaanillee hin fayyan; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baye.


Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiinfatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.


Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafatan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan.


Kanaafuu hennaa Pheexroos worra dhibaman bira lufu akka gaaddidduun isaa isaan fayyisu namoota wosaasa'aa fi ittillee irra raasaa ciibsa'aa turan.


Worri dubbii fudhatan cuuphaman; guyyaa san namoonni kuma sadihii isaanitti eda'aman.


Haata'uu ammoo worra dubbii dhagayan keessaa heddutu amane. Laakkofsi dhiiraallee haga kuma shanii ta'e.


Ani ammoo dhugaa isinitti hima, ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef, ani yoo deeme ammoo isa isinii erga.


Kanaafuu mirga Rabbiititti ol fudhatameeti dubbii abdii Ayyaana Woyyu'uu Aabbaan irraa fudhatee ka amma isin argitanii fi dhageettan kana gad dhangalaase.


Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.


Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka na ergee deema, na soxxan ammoo na hin argitan.


Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.


Dubbiin Rabbii babadhata'aa deemee, Yerusaalemitti laakkoofsi darasootaa guddisee baayi'ata'aa deeme. Gadoota keessaa namoonni hedduun worra amanta'aaf ajajaman ta'an.


«Namoota kanniin maal haa goonuu? Maalaleen beekkama ta'e harka isaaniititti akka godhame Yeruusaalemiin keessa worra jiraatan marattuu mudhateera, dhossuu hin dandeennu.


‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf, gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan.


Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif, waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irratti bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan waan dhagayaniif.


Eergamtoonillee du'aa ka'iitii Goofta Yesuus Kiristoosii hunna gudda'aan ragaa bayan. Maraa irra badhaadha gudda'atu jira.


Inni muka hurbu'uu baala qabdu takka fago'otti argee, waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haata'uu ammoo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef, baala malee womaa irraa hin arganne.


‹Tokko hin facaasa, tokko ammoo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera.


Aabba Ilma waan jaalatuuf, waan godhu maraa itti mudhisa, akka isin maalalfattaniif hujii kana caalu isatti mudhisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite