Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 13:34 - WAADAA LAMMATAA

34 Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

34 Ufii keessan akka wol jaalattaniif ajaja haarawa isinii ni kenna, akkuma ani isin jaaladhetti, ufii keessanii'llee wol jaaladhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

34 Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 13:34
38 Referans Kwoze  

Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a.


Akka isin wol jaalattan kana isin ajaja» jedhe.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu, akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a.


Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf.


Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbiitu nuu kenne.


Akkuma kitaabnni woyyuun, «Hiriyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ullee.


Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.


Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.


Eeganaa hennaa yoo arganne, nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu.


Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef,


Hennaa maraa jaalalli obbolumma'aa isin jidduu haa jiraatu. Keessummoota simachuu hin irraanfatinaa'a; akka kanaan gari gariin uduu hin beekin Maleekkota keessummummaa simataniiran.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.


Daraaraan Ayyaanaa ammoo, jaalala, gammachuu, Nagaya, obsa, arjummaa, mishooma.


Nama Rabbii fakkaachuu irratti, obboleewwanii yaaduu, obboleewwanii yaaduu irrattillee jaalala eda'aa'a.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Ani ammoo akkana isiniin jedha. Diinota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee faateffadhaa'a. Yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatani; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.


Gatiin isin wol irraa qabdan, wol jaalachuu haata'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera.


Jaalalti goshoo ufiititti waan hamaa hin godhu. Kanaaf jaalalti raawwii seeraati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite