Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 13:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Eeganaa ani, Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Eegaa ani barsiisa'aa fi Gooftaa keessan ta'ee uduu jiru miila keessan yoo miice, isin'llee ufii keessan miila keessan wolii miicuu qabddan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Eeganaa ani Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u, luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 13:14
22 Referans Kwoze  

Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa fi ajajamaa'a, marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma;, worra kaso'oo ammoo badhaadha kenna»


Akkanuma dadhaba'aati dhibamtoota akka gargaartan, inninuu ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.


Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii sababaa akka hin kennine. Haata'uu ammoo, isin wolii akka garbootaa ta'aa'a.


Isin yaada tokkoon wolii galaa'a; waan uf jaju'uu hin yaadinaa'a; haata'uu ammoo kasoo ta'u'uun hujii mishaa hojjadhaa'a; waan waa beettan uf hin seeyinaa'a.


Eegasuu ammaa achi bara jireenna keessanii ka lafarraa akka hawwii foonii uduu hin ta'in akka fedhii Rabbiititti jiraadhaa'a. Isinillee akkasuma akka nama mi'a woraanaa hidhateetitti yaada kanaan jabaadhaa'a. Namni rakkate, nafa ufiitiin cubbuu hojjachuu dhiiseera.


Kanaafuu nyaanni yoo obbooleessa kiyya ka gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatiiti foon hin nyaadhu.


Anuu Phaawuloosi hennaa isin bira jiru, nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammoo nama ija jabaatu jedhame; garalaafumma'aa fi fayyalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.


Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.


Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture.


Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee, «Yesuus Goofta'a» jechuu tokkollee akka hin dandenne isin beessisa.


Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf.


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite