Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 13:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Yesuusillee ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate haga dhumaa jaalate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Yesuus ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate jaalala dhuma hin qabneen jaalate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 13:1
44 Referans Kwoze  

Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera.


Inni waan duraan dursee nu jaalateef, nullee isa jaalanna.


Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.


Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufeera; ammallee biyya lafaa gad dhiisa; gara Aabbaallee hin deema.


Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,


Yesuusillee waan itti dhufuuf ta'u maraa beekee bayee, «Eennuun soqa'aartan?» isaaniin jedhe.


Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.


Akkuma ani ka adunyaa kanaa hin taane isaanillee ka adunyaa kanaatii miti.


Yesuusillee kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya, sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju foon uffataa maraa irratti baallii akka kenniteef worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Achiin maayessa gara darasootaa dhufee, «Isin haga ammaa rafa'aa, harabaafata'aartanii? Kunoo, sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbamootaatitti dabarfamee kennamu geetteerti.


Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a.


Amanta'aa fi obsaanillee worra dubbii abdi'ii dhaalan akka fakkaattaniif malee ammshaaggota rincicoota akka isin hin taaneef haga abdiin guutuuf isin maruu ciminna san haga dhumaa akka mudhiftan hin hawwina.


Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.


Kana maraa keessatti ammoo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla.


Jaalalli na jaalatteen isaan keessa akka ta'u, anillee isaanitti maqaa kee beessiseera, ammallee hin beessisa» jedhe.


‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf, gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan.


Namoonni hedduunillee uf qulqulleessu'uuf ayyaana faasika'aatiin duratti gara Yeruusaalemii bayan.


Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haata'uu ammoo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef, hennaan keessan ammoo yoo maraa ka tole.


Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.


Guyyama guyya'aan hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu nan tundhe, amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.


Hennaan inni gara sami'ii ol fudhatamu waan dhiyaateef, gara Yeruusaaleemii deemu'uuf kutatee ka'e.


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.


Yesuusillee uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne.


Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudii dhiyaate, Yesuusillee gara Yeruusaalemii dhaqe.


Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.


Haata'uu ammoo ani Aabbaan akka jaaladhu adunyaan akka beettu, akka Abbaan na ajaje akkasuma godha. Ka'aa asii haa deemnuu.»


Asiin maayii Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee, dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite