Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 12:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Inni kana wonti dubbateef, waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Inni'llee kana ka dubbateef hiyyeessotaaf gaddee uduu hin ta'in hattuu waan tureef, qaraaciitii qarshi'ii ka qabu isa waan ta'eef, qarshii qaraaciitii keessa kaayamu irraa fudhachuu barateeti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Inni wonti kana dubbateef waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 12:6
19 Referans Kwoze  

Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.


Isin ammoo hiyyeeyyii salphiiftan; Dureeyyiin worra isin dhiphisuu mii? Gara mana murtee worri isin harkisan isaanii mii?


Namni uffata bareedaa uffatee, qubee worqi'ii godhatee, walgayii keessan yoo seeneef, hiyyeessi uffata xurii uffate ammoo yoo seene,


Waan hamaa kamiin irraallee fagaadhaa'a.


Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammoo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture.


Yookiin hattoonni yookiin worri horii dharra'an yookiin worri machaayan yookiin worri nama arrabsan yookiin saamtoonni jeennata Rabbii hin galan.


Inni Qaxaramaa waan ta'eef, hoolonnillee waan garaa isa hin nyaanneef, ka qaxarame sun hin dheessa,


«Manni kiyya mana itti faateffatan jedhama jedhamee barreeffameera; isin ammoo goda shiftootaa gootan» isaaniin jedhe.


Yohaannaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.


«Urgoon kun birrii dhibba Sadihiitti gurguramee, maaf hiyyeeyyi'ii hin kennamee?» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite