Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 12:5 - WAADAA LAMMATAA

5 «Urgoon kun birrii dhibba Sadihiitti gurguramee, maaf hiyyeeyyi'ii hin kennamee?» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 «Shittoon kun dinaara dhibba sadihitti gurguramee, qarshiin hiyyeessotaa maali'iif hin kennamnne?» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 «Urgoon kun maaf birrii dhibba Sadihitti gurguramee hiyyeeyyi'ii hin kennamne?» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 12:5
16 Referans Kwoze  

Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.


Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaanneef bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a.


Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.


«Huura ija obboleessa kee keessa jiru maaf laaltaa? Waan guddaa ija kee keessa jiru ammoo maaf hin argine?


Saantimii guyyaa tokkootiin haga wolii galeen maayessa gara maasaa woyinii ufiititti isaan erge.


Haata'uu ammoo hojjataan sun, achii bayee, hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kanfali› jedhee, hudhee isa qabe.


Haata'uu ammoo darasoota isaa keessaa ka dabarsee isa kennu'uuf ta'u, Yihuudaa biyya Asqorotuu ilma Simi'ooniiti.


Inni kana wonti dubbateef, waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture.


Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite