Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 12:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Isaayyaas waan ulfinna isaa argeef kana jedhe, waan isaallee dubbate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Isaayaas kana ka jedhe, ulfinna Masihii waan argeef, kanaaf waayee Yesusiitiif kana ni dubbate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Isaayyaas waan ulfinna isaa argeef kana jedhe; waan isaallee dubbate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 12:41
13 Referans Kwoze  

Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Isatti ka amanu maruu maqaa isaatiin dhiifamsa cubbu'uu akka argatuuf raattonni martuu hin raganiif.»


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.


Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan.


Yesuusillee akkana jedheen, «Ati Filiphoosi haga bara kana maraa isin woliin hennaa jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera, attamitti ati, ‹Aabbaan nutti mudhisi› jettaa?


Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!


Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite