Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 12:25 - WAADAA LAMMATAA

25 Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

25 Lubbuu isaa ka jaalatu ni balleessaan, biyya lafaa kanatti lubbuu isaa ka jibbu garuu jireenna bara baraatiif ni eeggataan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

25 Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 12:25
13 Referans Kwoze  

Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.»


Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata.


Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif lubbuu ufii ka balleeffatu maruu ammoo hin oolfata.


Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata. Naaf jedhee lubbuu ufii ka dhabu maruu hin argata.


Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate, abbaa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, Ilmaan haadhaa, Intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.


Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Phaawuloos ammoo deebisee, «Booya'aati qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu caalla'aafii miti» jedhe.


Dubartoonni worra du'e ka isaanii du'aa ka'iinsa isaanii simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite