Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 12:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Darasonnillee waan kana dura hin hubanne, haata'uu ammoo haga Yesuus kabajjameen maayii, hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Barattoonni isaatiif'llee jalqaba wonitti kun isaaniif hin galle ture, garuu yeroo Yesus ulfinnaan gara samii ol bayetti, wonitti kun waayee isaatiif akka barreeffamee fi isaaf akka taasise ni yaadatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Darasoonni waan kana dura hin hubanne, haa ta'uu ammo haga Yesuus kabajjameen maayii hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 12:16
19 Referans Kwoze  

Kanaaf haga du'aa ka'een maayii, darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii, kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan.


Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammoo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa.


Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.


«Eeganaa ka isin fanniftan kana Yesuusiin Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akkuma taasise worri gosa Isiraa'elii maruu dhugamaan haa beekuu!» jedhe.


Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera.


Waan dubbanne keessaa wonti guddaan kana. «Ka sami'itti teessoo ulfinnaa irra mirga Rabbii taa'e, gadicha hayyicha guddaa akkanaa kana qabna»


Waandhi Abrahaamii, Yisihaaqii, Yaaqoobiitii fi Waandhi abbootii keennaa ka isin dabarsitanii kennitanii fi ka Philaaxoos uduu hiiku'uuf kutateeru ka isin gantan san Ilma ufii Yesuusiin kabajjeera.


Kanaafuu mirga Rabbiititti ol fudhatameeti dubbii abdii Ayyaana Woyyu'uu Aabbaan irraa fudhatee ka amma isin argitanii fi dhageettan kana gad dhangalaase.


Haata'uu ammoo yoo hennaan gaye, akka ani isinitti himetti akka yaaddaniif kana isinitti hime. Qara waan isin woliin jiruuf kana isinitti hin himne.


Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane.


Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin bada worra hin hubannee fi worra waan raattonni dubbatan maratti ka qalbiin keessan hin amanne,


Isaan ammoo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan jalaa waan dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.


Isaan ammoo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan.


Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.


Isaan ammoo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite