Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 11:43 - WAADAA LAMMATAA

43 Kana jedheeti laagaa gudda'aan Alaazaari gara diidaa as bayi jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

43 Yesus kana eega dubbateen duubatti, «Alaazaar! Koottuu bayi!» jedhee, qooniqqa ol aana'aan ni dubbate.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

43 Kana jedhee laagaa gudda'aan «Alaazaar gara diidaa as bayi» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 11:43
12 Referans Kwoze  

Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiinfatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.


Pheexroosillee, «Eniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyiisaa ol ka'iitii, ufumaa sirree tee afadhu» jedhe. Innillee Yomasan ka'e.


Pheexroos akkana jedhee bani'ii deebise, «Isin namoota Israa'elii! Waan kana maali'iif maalalfattan? Yookiin waan hunna mataa keennaatiin yookiin Rabbiin sodaachuu keennaan akka waan inni ka'ee deemuu akka waan nu goonee maali'iif xiinxallitanii ija keessa laaltan?»


Pheexroos ammoo, «Birri'ii fi Worqii hin qabu; waan qabu ammoo sii kenna, maqaa Kiristoos Yesuusii Naazireetitiin ka'ii deddeebi'i» jedheen.


Guddisanii waan sodaataniif, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun eennu inni?» woliin jedhan.


Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.


Alaazaari akkuma harki isaatiif lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee woya'aan akkuma marametti jira. Yesuusillee, «Hiika'aatii gadi dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe.


Faasika'aan dura guyyaa jahaffa'atti Yesuus gara Alaazaariin ka inni du'aa kaasee gara Biitaaniya'aa dhufe.


Yihuudota keessaallee baniin hedduu akka inni achi ture beekanii, Alaazaarii inni du'aa kaase argu'uuf dhufan malee, Yesuusiin calla'aafii mit.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite