Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 11:42 - WAADAA LAMMATAA

42 Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

42 yeroo maraa'llee akka naaf dhageettu ni beeka, garuu kana ka jedheef, namoonni asi dhaabatan ati akka ana ergite, akka amananiif jedheeti» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

42 Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka; haa ta'uu ammo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 11:42
27 Referans Kwoze  

Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf.


Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e.


Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf, worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a.


Innillee hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aaf imimmaaniin faate'ee fi kaawwanii kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.


Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.


Abbaa qajeelaa, adunyaan si hin beenne, ani ammoo si beeka. Kunniinillee akka ati na ergite hin beekan.


Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran.


Ammallee waan Rabbiin irraa kadhattu maraa Rabbi akka sii kennu hin beeka» jette.


Ani Abbaa kiyya uduu gaafadhee, Inni ammoo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne si fakkaataa?


Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.


Worri isii jajjabeessu'uuf isii woliin mana keessa turan, Yihuudonni akka Maariyaam jarjartee kaatee baate argan, waan gara awwaalaa dhaxxee achitti booyu'uuf taatu seeyanii faanaa yaa'an.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne.


Ka na erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf, Aabbaan hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe.


Aabbaan na erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a.


Kana jedheeti laagaa gudda'aan Alaazaari gara diidaa as bayi jedhe.


Yihuudota keessaa hedduun isaanii dhaqanii waan Yesuusitti amananiif.


Alaazaariinillee awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worra isa woliin turee hin rageef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite