Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 11:41 - WAADAA LAMMATAA

41 Namoonillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan, Yesuusillee ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galateeffadha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

41 Namoonni'llee dhagicha ni kaasan, kanaan duubatti Yesus gara olii laalee, «Yaa Abbaa! Waan ana dhageetteef si galateeffadha,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

41 Namoonnillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan; Yesuus ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galatoonfadha.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 11:41
14 Referans Kwoze  

Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.


Yesuusillee kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya, sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju foon uffataa maraa irratti baallii akka kenniteef worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji.


Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee, Abbaa Gooftaa ardi'ii fi sami'ii kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galateeffadha. Ee Abbaa fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef.


Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.


Namichi qaraxa guuru sun ammoo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'a naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture.


Ee Abbaa kiyya, fedhiin kee si afo'otti akkana waan ta'eef, ani waan kanatti gammadeera.


Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme.


Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee, reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.


Dhagaan awwaalaan cufame ka gangalfameeru argan.


Ammallee waan Rabbiin irraa kadhattu maraa Rabbi akka sii kennu hin beeka» jette.


Sambata guddaa jalqaba torbaanii Maariyaam Magidalaawit ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaanillee ka awwaala irraa gangalfameeru argite.


Inni Ayyaana Woyyu'uun guuttamee gara sami'ii xinxallee hennaa ol laalu ulfinna Rabbiitiif Yesuusiinillee mirga Rabbii ka dhaabate argee,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite