Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 11:26 - WAADAA LAMMATAA

26 Jiraata'aa fi kanatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

26 lubbu'uun ka jiraatuu fi anatti'llee ka amanu marrinuu gonkumaa hin du'u, kana ni amanttaa moo?» isi'iin ni jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

26 Jiraata'aa fi ka anatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 11:26
15 Referans Kwoze  

Anillee jireenna bara baraa isaanii kenna, baraa haga bara baraallee hin badan, harka kiyya keessaa eennullee isaan hin baasu.


Akka fedha fooniititti yoo jiraattan, hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.


Akkuma Ani Aabbaan keessa jiru, Aabballee na keessa akka jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu. Uf irraallee isinitti hin himu. Haata'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata.


Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.


Hennaa inni gara manaa seene, balloonni gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka Ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa kiyya!» jedhaniin.


Yesuusillee akka gara diidaa isa baasan hennaa dhagaye, «Ati Ilma Namaatitti amantaa?» jedheen.


Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? nama amanuuf wonti martinuu hin danda'ama» jedheen.


Ani Abbaa kiyya uduu gaafadhee, Inni ammoo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne si fakkaataa?


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite