Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 10:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan, innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee, isaan fudhata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 balbala eegaan isaaniif balbala ni bana, hoolonni isaa'llee qooniqqa isaa ni dhagayan, inni'llee hoolota isaa akka maqaa isaaniitiin isaan ni waama, isaan eemara'aa'llee gara alaa titti, isaan ni baasa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan; innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee isaan fudhata.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 10:3
32 Referans Kwoze  

«Gooftaan worra ka isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeena irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.


Hoolota ufii haga baaseen maayessa afoo isaanii deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif faana isaa deeman.


Ani hoolota Gooruu kana keessaa hin taane, hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammoo as fidutu na irra jira. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko.


Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Ani hoolota tiyya hin beeka. Hoolonni tiyyallee na beekan. Lubbuu tiyyallee hoolota tiyyaaf dabarsee kenna.


Kunoo ani balbala dhaabadhee dhadhaya; eennullee laagaa kiyya dhagayee balbala ufii yoo naa bane seenee isa woliin hurbaata nyaadha. Innillee na woliin nyaata.


Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»


Dursee ka murteesse kanniin ammoo hin waameen; worra waame kanniin ammoo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammoo hin kabajje.


Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayeef ka barate maruu gara kiyya dhufa.


Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee gara kiyya ka dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu.


Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame.


Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Oduu Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka ufi hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan.


Balbali guddaan huji'ii naa banameera, worri na morman ammoo heddu.


Balbalti ana. Ka na keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya, inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata


Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.


Hennaa dhiyoo keessatti si argee akka woliin qaandhu abdii godha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite