Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 10:14 - WAADAA LAMMATAA

14-15 Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Ani hoolota tiyya hin beeka. Hoolonni tiyyallee na beekan. Lubbuu tiyyallee hoolota tiyyaaf dabarsee kenna.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Tisseen mishaan ana, ani hoolota tiyya ni beeka, hoolonni tiyya'llee ana ni beekan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Anillee hoolota tiyya hin beeka.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 10:14
23 Referans Kwoze  

Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan anilee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman.


«Gooftaan worra ka isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeena irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.


«Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.


Sababaa kanaan rakkinni narra gayeera. Haata'uu ammoo rakkinna narra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.


Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran.


«Hujii, jaalala, Amantaa, tajaajilaa keetiif ciniinnattee obsuu kee hujii kee ka duraa caalaa ka maayessaa akka caalu hin beeka.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a.


Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


«Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.


Inni Qaxaramaa waan ta'eef, hoolonnillee waan garaa isa hin nyaanneef, ka qaxarame sun hin dheessa,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite