Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:48 - WAADAA LAMMATAA

48 Yesuus Naatinaa'eel gara isaa hennaa dhufu argee, «Ila nama Isiraa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

48 Naatinaa'el'llee, «Eessatti ana beekitta?» jedheen. Yesus'llee, «Filiphos uduu si hin waamniin duranatti, muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira» jechu'uun, ni deebiseef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

48 Yesuus hennaa Naatinaa'eel gara isaa dhufu argee, «Ila nama Israa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:48
14 Referans Kwoze  

Ati ammoo hennaa faateeffattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kenna.


Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa, akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aati afo'otti kufee Rabbii sagada.


Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.


Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.


Ganamaan Yesuus gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee, Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen.


Yesuus ijaan ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu argee, Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen.


Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.


Isaan gara Beetasayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a, Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin.


Filiphoos, «Gooftaa'a, Aabbaan nutti mudhisi nu gayaa» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite