Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:45 - WAADAA LAMMATAA

45 Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasayida'aati.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

45 Filiphos Naatinaa'eliin argatee, «Museen kitaaba seeraatiin, nabiyyoonni'llee kitaabban raagaatiin waayee isaa ka barreessaniif arganneenii jira, inni'llee ilma Yooseefii Yesusii Naazireetiiti» jedheen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

45 Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasaayida'aati.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:45
41 Referans Kwoze  

Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike.


Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.


Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.


Maruu isaa ragaa baya'aa turan. Kennaa dubbi'ii Ayyaana qabeessa ka afaan isaatii bayu maalalanii, kun ilma Yooseefiitii mitii? jedhan.


Akkasuma ammallee, «Eennuun barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaannillee, «Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhaniin.


Inni ogeessa muka bocu, ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan.


Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan.


Anillee deebisee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee, ‹Ani Yesuusii Naazireetii, ka ati ariitu san› naan jedhe.


Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


Simoon Pheexroosiif ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdiyoosi darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan.


Yooseefillee akkasuma dhalootaan fiixaa Daawitii waan ta'eef, qachaa Naazireeti ta Galiilaa keessatti argamtu bayee gara qachaa Daawitii ta biyya Yihuudaa Beetaliheemiin dhaqe; inni galmaayu'uuf Maariyaamii qaadhima isaa ta ulfaa woliin achi ol baye.


Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifattu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen.


Kun ilma namicha muka bocuutii mii? Haatillee Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaallee Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii?


«Anuu maqaa Yesuusii nama Naazireetii kana mormuun kiyya, waan guddaa godhuu na barbaachisu woyii waan godhe natti fakkaata'aa ture.


Pheexroos ammoo, «Birri'ii fi Worqii hin qabu; waan qabu ammoo sii kenna, maqaa Kiristoos Yesuusii Naazireetitiin ka'ii deddeebi'i» jedheen.


«Namoota Israa'elii dubbii kana dhagayaa'a! akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.


Philaaxoosillee akkasuma barreeffama barreessee fannoo irra kaaye. Barreeffamnillee, «Yesuusii Naazireetii mootii Yihuudi'ii» ka jedhu.


«Yesuusii Naazireetii ti» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennellee isaanuma woliin dhaabateera.


«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.


Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seya; Yooseefiin kun ilma Eeli'ii ti.


Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.


Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» isaan jette.


Ganamaan Yesuus gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee, Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen.


Yesuus ijaan ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu argee, Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen.


Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.


Isaan gara Beetasayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a, Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin.


Filiphoos, «Gooftaa'a, Aabbaan nutti mudhisi nu gayaa» jedheen.


Isaanillee, «Yesuusii Naazireetiititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite