Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:34 - WAADAA LAMMATAA

34 Anillee isa argeera; akka inni Ilma Rabbii ta'e rageera.»

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

34 Ani'llee kana argee jira, kanaaf inni Ilma Waaqaa ta'uu isaa ragaa ni baya.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

34 Anillee isa argeera; akka inni Ilma Rabbii ta'e rageera.»

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:34
42 Referans Kwoze  

Naatinaa'elillee, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne, uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen.


Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.


Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.


Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.


Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.


Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba.


Nu'u dubbiian naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, Eeyi'ii fi wa'aa hin ture. Haata'uu ammoo isaan eyiin ta'eera.


Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan.


Isiinillee, «Ee Gooftaa'a, ati ka gara adunyaa tanaa dhufu Kiristoosii Ilma Rabbii akka taate, ani hin amana» jetteen.


‹Ani Ilma Rabbii ti› waan jedheef, isin ka Aabba woyyoomsee gara adunya'aa erge, ‹Rabbiin arrabsita› jettaniinii?


Jalqabni Oduu Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.


Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.


Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu» jedhan.


«Ati ka mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti ijaartu, mee uf fayyisi. Ilma Rabbii yoo taate mee fannoo irraa gadi bu'i.» jedhaniin.


Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen.


Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.


Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.


Abbaa fi haadha laakkoofsa hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haata'uu ammoo akka Ilma Rabbii, baraa haga bara baraa gadaa ta'ee jiraata.


Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe.


Maleekkaanillee deebisee akkana jedheen, «Ayyaanni Woyyuun sitti hin dhufa, hunni Rabbii Ol Aana'aallee si golga. Kanaafuu ka sirraa dhalatu Woyyuu Ilma Rabbii jedhama.


Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe.


Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen.


Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Isaanillee, «Yesuus, Ilma Rabbii, maal nu irraa qabda? hennaan uduu hin geenne nu rakkisu'uuf dhuftee?» jedha'aa iyyan.


Barreeffamin Woyyuun, lutti Kee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii erga «Ati Ilma Rabbii yoo taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.


Laagaan samii irraa, «Kun Ilma kiyya jaalatamaa Ani itti gammadu» jedhe.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite