Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:33 - WAADAA LAMMATAA

33 Ani isa hin beeku ture. Haata'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti harabaafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

33 Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu bishaaniin akka cuuphuuf ka ana erge, ‹Hafuurri Qulqulluun yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ka argitu, Hafuura Qulqullu'uun ka cuuphu isa› yoo jedhu natti himee jira.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

33 Ani isa hin beeku ture. Haa ta'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti hara baafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:33
16 Referans Kwoze  

«Yohaannis waan bisaaniin cuupheef, isin ammoo guyyaa diqqo'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe.


Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haata'uu ammoo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uuf ibiddaan isin cuupha.


Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.


Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef


Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.


Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.


Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan garagaraa dubbachuu jalqaban.


Anillee isa hin beeku, Sababaan ani bisaaniin cuupha'aa dhufeef ammoo, akka inni saba Isiraa'eliititti mudhatuuf.


Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.


Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammoo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite