Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii? jedhanii gaafatan, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammoo, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Isaan'llee, «Eegaa ati eennu? Eliyaasi moo?» jechu'uun ni gaafataniin. Inni'llee, «Miti!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee, «Ni dhufa nabiyyichi jedhame si'i moo?» jedhaniin. Inni'llee, «Miti!» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Isaan, «Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii?» jedhanii gaafatan, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammo, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:21
12 Referans Kwoze  

Yoo dubbii isaanii fudhachuu feetan, Yohaannisiin kun, Eeliyaasii hin dhufa jedhame san.


Isaan deebisanii, «Gariin, ‹Yohaannis Cuupha'a› worri kuuwwan, ‹Eeliyaas› kuwwan ammoo, ‹Ermiyaas› yookiin raattota durii keessaa tokko ta'a siin jedhan» jedhaniin.


Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan.


Inni hafuura Eliyaasiitii fi hunnaan afoo isaa hin deema; Inni yaada abbooti'ii gara ijoolle'ee, worra hin ajajamnellee gara ogummaa qajeellotaa hin deebisa; banii dammassee Goofta'aaf akka qophaayan taasisa.»


Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan.


Eeganaa ati eennu ree? Worra nu erganiin waan kee maal jennaa? jedhaniin.


Sababa Kanaaf namoonni maalalee Yesuus godhe haga arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite