Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammoo Yesuus Kiristoosiin kenname.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

17 Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammo Yesuus Kiristoosiin kenname.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:17
37 Referans Kwoze  

Isin Ayaannaa gadi malee, seeraa gadii miti. Cubbuun waan isin hin binneef.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Akka seeraatitti waan hago'oon ala wonti maruu dhiigaan qulqullaaya, uduu dhinni hin jinnee dhiifamsi cubbu'uu hin jiru.


Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammoo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan?


Guyyaa qabaniifiiti heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee, Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture.


Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan keenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.


Namni kun ka gaara Siina'aatitti Maleekkaan itti dubbate saniif ka abboota keenna woliin lafa gammoojji'ii keessa ture. Dubbii jireenna qabu kana nuu kennu'uuf Rabbiin irraa fudhate.


Ani Abbaa kiyya biratti waan isin himadhu isinitti hin fakkaatin. Ka isin himatu hin jira jedhe; innillee ka isin abdii godhattan Muuse'e.


Abdiin dubbii ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan.


Rabbi akka Muuse'etti dubbate nu hin beenna. Namni kun ammoo, inni eessaa akka dhufe hin beennu!» jedhaniin.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite