Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Yohaannis 1:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuun ulfinna isaa argine.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Yohaannis 1:14
60 Referans Kwoze  

Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechillee Rabbiin ture.


Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.


Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.


Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Anillee nyaanni jireenna adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.


Rabbi guutumaan guutu'utti isa keessa akka jiraatuuf, karaa isaatiin dhiiga fannoo irratti jigeen nagaya buuseeti waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa ufiin wolitti araarsu'uuf waan fedheef.


Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammaffaan ammoo samii irraa dhufe.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.


Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e.


Guutummaan Rabbummaa isaa maruu nafa Kiristoosii irratti mudhatee waan jiruuf,


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Laagaan guddaan sami'ii kunoo dukkaanaan Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.


Akkasuma Kiristoosillee gadicha guddaa ta'u'uuf uf hin kabajjine. Haata'uu ammoo, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» ka jedheen isuma.


Kanaafuu hennaa gara adunya'aa dhufe, «Ati kenna'aa fi ciincaa hin jaalanne, nafa naa qopheessite.


Yesuusillee, «Uduu amantee ulfinna Rabbii akka argitu sitti hin himnee?» isi'iin jedhe.


Namni isatti amanu maruu akka hin banne, jireenna bara baraa haa argatu'uuf, Rabbi adunyaa kana akkanumaan jaalatee, tokkicha Ilma ufii kenneef.


Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya, ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a, innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka?


Yesuusillee akkana jedheen, «Ati Filiphoosi haga bara kana maraa isin woliin hennaa jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera, attamitti ati, ‹Aabbaan nutti mudhisi› jettaa?


Haata'uu ammoo Pheexroosiif worri isa woliin turan hirribni waan isaan qabeef rafa'aa turan. Hennaa dammaqan ammoo ulfinna Yesuusiitiif namoota lamaan isaan woliin dhaabata'aa turan sanniin argan.


Nullee akkuma tokko taane, tokko akka ta'aniif, anillee isaan keessatti atillee yoo na woliin taate, guutuu akka ta'an ulfinna naa kennite anillee isaanii kenneera. Akkasuma adunyaan akka ati na ergitee fi haguma na jaalatte, isaanillee akka jaalatte hin beeka.


Nama isatti amanu itti hin murtaayu. Ka isatti hin amanne ammoo, maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera.


Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.


Ka woyyoomsuu fi ka woyyoomu maruu tokko irraa waan ta'aniif.


Innillee, «Kennaan kiyya si gaya; hunni kiyyallee dadhabbii kee keessatti raawwatama naan jedhe; eeganaa hunni Kiristoosii akka na keessa buluuf gammachuu gudda'aan dadhabbii kiyyaan boonuu jaaladha.


Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette.


Galmee dhokate ka ogumma'aatii fi ka beekkomsaa maruu isaan waan ta'eef.


Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayuu gad ta'ee kenname.


Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.


Achitti ilma hangafaa deette; mana keessuma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef, daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte.


Abdii kana inni faaruu lammaffa'aa keessatti, ‹Ati ilma kiyya, Ani adha si uumadhe› jedhamee akkuma barreeffame, Yesuusiin nuu kaasee nu'u ijoollee isaaniitiif raawwate.


«Abbaa! Uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalatteef, ulfinna naa kennite akka argan hulee ani jiru; isaaniin naa kennitellee akkasuma woliin akka ta'an jaaladha.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Uffata dhiinni itti faca'eeru uffateera, maqaan isaa dubbii Rabbiiti jedhameera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite